Odeeffannoo Waa'ee Paartii Badhaadhinaa Damee Argachuuf
ስለ ብልፅግና ፓርቲ መረጃ ለማግኘት
Waa’ee keenya
ስለ እኛ
Paartiin Badhaadhinaa Caamsaa 2019, raggaasifama Boordii Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa (ENBBO)n hundeeffame. Dhaabbileen hawaasummaa kunniin fi kunniin hambaalee Dhaabbata Ummata Tokkummaa Ummata Itoophiyaa duraanii (EPIRUPA) keessaa isa tokko. Waajjirri Paartii Damee Kutaa Magaalaa ; Gurmaa'insa Paartii Badhaadhinaa sadarkaan jiru Keessaa isa tokko ta'ee; Waajjiraalee Paartii Badhaadhinaa Damee Magaalaa Magaalli Shaggar jiran keessaa tokkodha.
Ergama
ተልዕኮ
Qulqullina ummataatiin dimokiraasii keenya kabachiisuuf seeraa fi sirnaafi haqummaa kabachiisuu
Mul'ata
ራዕይ
Aadaa Diimokiraasii babal’isuun walitti dhufeenya Obbolummaa fi Obboleettummaa cimaa ta’e uumuun Sadarkaa hindatti Mootummaa Cimaa uumuu guddinna fayyadamummaa uummataa mirkaneessuu danda’u uumame arguudha. Kanaanis
• Bara 2018 Biyya Afriikaa irraa Abdii Badhaadhinaa taate arguu
• Bara 2024 Biyya Afriikaaf Fakkeenya Badhaadhinaa taate arguu
• Bara 2040 Biyya Addunyaatiif Fakkeenya Badhaadhinaa Taate arguu
Kaayyoo
ዓላማ
Kaayyoo Paartii Badhaadhinaa inni ijoon Itiyoophiyaa badhaate dhugoomsuudha. Kana keessatti badhaadhinni:
→Siyaasaan:- Mootummaa Biyyaalessaa jabaa fi fudhatama
qabu ijaaruu
→Dinagdeen:- Misooma Ariifachiisaa fi fayyadaminsa haqa
qabeessa kan mirkaneessu dinagdee hunda galeessa ijaaruu
→Hawaasummaan:- Badhaadhina hundumaaf kan mirkaneessu misooma hawaasummaa hammataa mirkaneessuudha
→Duudhaaleen:- Paartii Badhaadhinaa Tokkummaa Biyyaalessaa Hawaasa siyaasaafi Dinagdee tokkoo ljaaruu. Tokkummaa biyyaalessaa hoo jennu eenyummaa sabummaa, yookiin kan amantii kan hammateefi eenyummaan
hawaasaa kamuu kan keessaa hin hafne jechuudha.
→ Kabaja Lammiilee:- Itiyoophiyaanota lja walqixaan kan llaaluufi kan
keessumeessu, fayyadamummaa haqa qabeessa kan mirkaneessu,
mirga sabaafi sablammii kan mirkaneessu, sabdaneessummaa haqaa kan mirkaneessu, dhimmoota biyyaa ijoo ta'anirratti lammii hundi
murteerratti hirmaataa kan ta'u, hirmaannaa aangoofi qabeenyaa haqa qabeessa kan itti ta'u, sirna siyaas-dinagdee ijaaruu, hawaasa siyaasaafi dinagdee tokkoo ijaaruudha.
→ Bilisummaa:- Lammileen hiree isaanii akka filatan, karaa filataniin
akka jiraatan kan mirkaneessu, hirmaannaa lammilee hunda galeessa mirkaneessuudhan rakkoolee siyaasaafi dinagdee biyya keenyaa itti fufinsaan hiikuu, mirgoota lammilee gurmaa'uu, walgahuu, barreessuufi yaada bilisummaan ibsachuu, filachuufi filatamuu mirkaneessuudha.
Duudhaalee
እሴቶች
Kabaja lammii fi ummatootaa, dhugaa, hiriyummaa, nagaa fi wal danda’uu
